kutaan ammaa model
Barnoota mata duree ganna salaataafii soomana.
qabbanti ganna keessa yoo jabaatte nilaalan, yoo qabbanti salaataaf bahuu nama hindhoowwine taate azaanni akkuma durjirutti ittifufa.
yoo qabbanti jabaattee tan namni bahuu hin dandeenye taate mu'azzinni azaana isaa keessatti akki jedhu "alaa salluu fii rihaalikum" hiikkaan (manuma keessanitti salaataa), "assalaatu firrihaal" salluu fiibuyuutikum" salaata masjiidaa dhiisuun isaaniif nihayyamama waan taheef.
naafi'i nijedhe ibnu umar bakka dajnaan (gaara makkatti dhihaatu) jedhamtutti azaane halkan qabbanaa takka. eegasii "salluu fii rihaalikum" jedhe. nabiin s.a.w. mu'azzina azaani jedhee ajajee eegasii isa boodarra " alaa salluu firrihaal" halkan qabbanaa yookaa roobaa keessa. bukhaarii 632 muslim 697
namni ganna keessa ibidda bobeeffata, gara qiblaa salaataa fa'atti taati, irra gaariin salaanni garaibiddaatti tahuu dhabuudha. amjuusaa warra ibidda gabbarutti fakkachurraa fagaachuuf jecha. isiin nama salaatu shaagalti. yoo oowwaf itti haajaman yookaa bakka salaataa jijjiirachuun Rakkisaa tahe Rakkoo miti.
ammoo daffaayaan belbela bobayiinsaa hinqabne Rakoo miti.
salaata lama walittiqabuu
salaata lama walitti qabuuzuhriifii asrii akkasuma magriibaafii ishaaii walittiqabuudha. salaata lameen yeroo tokkoo isaaniitti salaatuu durtti asfidus tahee duubatti achu harkisuunis tahee. kuni yoo rakkoon salata walitti qabuu hyyamsiiftu argamteef
rakkoo salaata walitti nama qabsiiftuufii tan gannaa keessaa rooba, gariin ulamaa'ii qilleensa qabbanaawaa humna qabus nidabalan. yookaa baradoo karaa guutu. yookaa fixeensa daandii guutu.
rakkoo salaata walittiqabuu namaaf hayyamsiiftuhaala isii keessa salaataf masjiidatti baahuun ulfaattuudha. akkasitti roobaf jecha jam'iin hayyamame. ammoo roobni xiqqaan hajjaf bahuu nama hindhoorginiif salaata jam'ii godhuun hintaatu.
bu'urri muslimtoonni salaata yeroo isiitti salaatuudha. Rabbiin akkana jedhe "yeroo tasgabbooytan salaata gadidhaabaa. salaanni muimintootarratti dirqama yeroon daangeffamaa taheera" nisaai 103 kanaaf yoo rakkoon walitti nama qabsiisu argame malee salaata walittiqabuun hintahu. umar ibnulkhaxxaabiifii ibnu abbaasirraa odeeffame rakkoon maletti salaata walittiqabuun dilii guddorraayi.
namni jamaa'aa hinsalaanne - akka dubartii, dhukkubsataa, nama jamaa'aa dantaa dhabe- salaata walitti hinqabu. walittiqabutti isa hin haajamsiisu waan taheef. salaata yerotti salaatuun dirqama. akkasuma yoo rakkoon osoo yeroo salaata lammaffaa hindhuminitti yoo irraa kaate walitti hinqabu.
namni muslimaa yeroo salaata walittiqabu azaana tokko azaana salaata lachuufuu adda addaan iqaamaa godha. sunnaa raatibaa isaan lameen boodarra salaata. zikrii salaataatis booda isaan lameeniitii zakkara.
masjidoota hedduu keessattirakkoon salaata walitti qabuu hayyamsiisu keessatti waldhabuun nimala. bu'urri imaamaatu waan kanarraa gaafatama. yoo beekee ufiif yaala nama beekkomsa qabu gaafata. yoo isa shakkisiise nidhiisa. jamaa'aan masgiidaa waldhabuun hinbarbaachisu.
garii dubbii keessatti wanni dhufe " ganni badheessa muiminaati, guyyaa isaa gabaabaadhaa nisoomana, halkan isaa dheeraadhaa nisalaata". beyhaqii sunana kubraa keessatti. 8456 badheessa wanni jedhameef isaati caffee ibaadaa keessatti bashanana. guyyaa isaa osoo hinulfaanne rakkoo beelaafii dheebuu malee soomanuu dandaya.waan gabaabaa taheef. halkan salaataan dhaabbata halkan isaa dheeraa waan taheef salaataafii hirriibas nigayaaf.
garii oduu keessatti " soomanni ganna keessaa boojuu qabbanooytuudha". ahmad 18959 umar akki jedhe " ganni boojuu warra Rabbi gabbaraniiti" abuu nu'eymi hilyaa keessatti baase 1\51