kutaan ammaa model
Barnoota mata duree ganna salaataafii soomana.
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
qabbanti ganna keessa yoo jabaatte nilaalan, yoo qabbanti salaataaf bahuu nama hindhoowwine taate azaanni akkuma durjirutti ittifufa.
namni ganna keessa ibidda bobeeffata, gara qiblaa salaataa fa'atti taati, irra gaariin salaanni garaibiddaatti tahuu dhabuudha. amjuusaa warra ibidda gabbarutti fakkachurraa fagaachuuf jecha. isiin nama salaatu shaagalti. yoo oowwaf itti haajaman yookaa bakka salaataa jijjiirachuun Rakkisaa tahe Rakkoo miti.
ammoo daffaayaan belbela bobayiinsaa hinqabne Rakoo miti.
salaata lama walittiqabuu
rakkoo salaata walitti nama qabsiiftuufii tan gannaa keessaa rooba, gariin ulamaa'ii qilleensa qabbanaawaa humna qabus nidabalan. yookaa baradoo karaa guutu. yookaa fixeensa daandii guutu.
rakkoo salaata walittiqabuu namaaf hayyamsiiftuhaala isii keessa salaataf masjiidatti baahuun ulfaattuudha. akkasitti roobaf jecha jam'iin hayyamame. ammoo roobni xiqqaan hajjaf bahuu nama hindhoorginiif salaata jam'ii godhuun hintaatu.
namni jamaa'aa hinsalaanne - akka dubartii, dhukkubsataa, nama jamaa'aa dantaa dhabe- salaata walitti hinqabu. walittiqabutti isa hin haajamsiisu waan taheef. salaata yerotti salaatuun dirqama. akkasuma yoo rakkoon osoo yeroo salaata lammaffaa hindhuminitti yoo irraa kaate walitti hinqabu.
namni muslimaa yeroo salaata walittiqabu azaana tokko azaana salaata lachuufuu adda addaan iqaamaa godha. sunnaa raatibaa isaan lameen boodarra salaata. zikrii salaataatis booda isaan lameeniitii zakkara.
masjidoota hedduu keessattirakkoon salaata walitti qabuu hayyamsiisu keessatti waldhabuun nimala. bu'urri imaamaatu waan kanarraa gaafatama. yoo beekee ufiif yaala nama beekkomsa qabu gaafata. yoo isa shakkisiise nidhiisa. jamaa'aan masgiidaa waldhabuun hinbarbaachisu.
garii dubbii keessatti wanni dhufe " ganni badheessa muiminaati, guyyaa isaa gabaabaadhaa nisoomana, halkan isaa dheeraadhaa nisalaata". beyhaqii sunana kubraa keessatti. 8456 badheessa wanni jedhameef isaati caffee ibaadaa keessatti bashanana. guyyaa isaa osoo hinulfaanne rakkoo beelaafii dheebuu malee soomanuu dandaya.waan gabaabaa taheef. halkan salaataan dhaabbata halkan isaa dheeraa waan taheef salaataafii hirriibas nigayaaf.
garii oduu keessatti " soomanni ganna keessaa boojuu qabbanooytuudha". ahmad 18959 umar akki jedhe " ganni boojuu warra Rabbi gabbaraniiti" abuu nu'eymi hilyaa keessatti baase 1\51