barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata duree soomana karaa deemsaa

ibsa salaataafii soomanni nama karaa deemuu seera addaati qaba, seera kana barnoota kana keessatti baratta.

kaayyoo    seera soomanaafii salaata karadeemaa baruudha.

azaana karaa deemsaa

yoo salaanni paarkii ollaa isaa masjiinni hinjirretti sitti geesse. salaata hundaaf sagalee olfuudhanii azaanuu barbaachisa.

abuu saiid alkhudriin abdillaah abdurrahmaan binu abii saisa'ataan akki jedheen "atii baadiyaafii re'ee jaalattaa, yeroo baadiyyaa yookaa re'ee tee keessa jirtu salaataaf azaani, sagalee tee olfuudhii lallabi, wanni sagalee mu'azzinaa dhagayee jinnii namaafii wanni biroollee guyyaa qiyaamaa ragaa bahaaf".abuu saiid dubbii tana Nabii Rabbiirraa dhagaye jedhe.BUKHAARII 609

kanarraa sadarkaan caalmayina azaanaa beekama. warri karaa deemanis isarraa qanfachuufii isa dhiisuu hinqaban. hadiisa birootti "mu'azzina hanguma sagaleen isaa deemteen isaaf araaramama, wanni jiidhaafii gogaan hundi araara isaaf kadhata".ibnu maajah 724

qiblatti garagaluu.

namni karaa deemaa jiru qiblaa sirri haabarbaaduu, kallattii makkaa jechuudha. yoo isii hinargine tahe kallattitti deebiuun gayaadha. kaibaa qofatti deebiuu miti suni ulfaatuutu mala sahaabarraayis hindhufne. jihama san garagaluutu gaya.

namni tattaaffii godhee kara qiblaa jedhee yaadetti salaate , yoo eega salaata fixe dogoggoruu isaa arge homaa rakkoonqabu, salaatas hindeebisu. osoo salaatatti jiruu yoo beeke salaatuma keessaa garas garagala. ammoo osoo hintattaafatin yoo salaatee qiblarraa faallaa tahe salaata isaa nideebisa.

qiblaa meeshaalee hammayyaarraa laallatanii, yookaa adurraa laallatanii beekuun nigaya. yoo namni beeku namaa himes nitaha. yoo mihraaba masjiidaa laallatanis nigaya.

sadarkaa salaata badhetti salaatani.

yeroo karaa deeman salaatarratti tiiyfachuu barbaachisa, isiin iimaanni gabrichaa dhugaa tahuu ibsa.

hadiisatti "salaanni jamaa'ah salaata digdamii shanitti qixxooyti. yoo dirree karaa deemsaa keessatti rukuu'aafii sujuuda isii guutee salaate salaata shantam geessi". abuu dawud 560

kuni wanni taheef isaatu raqaa Rabitti rarraauu gabrichaati.yeroo namarraa fagaatee namni isa hingarrellee Rabbi sodaachuu isaati. kanaaf hadiisatti wanni dhufe "Rabbiin keessan nidinqisiifata gabricha mataa gaaraarratti re'ee isaa tiiyfatu.kan achumatti azaanee salaatu, Rabbiin nijedha "mee gabricha kiyya kana laalaaazaaneeti salaate, nasodaare, ani gabricha kiyyaa araarame jannata isa seensise". abuu daawuud 1203.

ibiddatti garagalanii salaatuu.

namni yeroo biyya qorraa dhaqe ibidda qabsiisee oowwifata. ibiddi garaqiblaa tahuutu mala. salaanni gara ibiddaatti tahuu dhabuutu caala. keessaawuu imaamni. warra majuusaa ibidda gabbaru fakkaachurraa fagaachuuf jecha. isiin nama salaatu shaagalti waan taheef. yoo qorraaf itti haajaman yookaa bakka jijjiiruun dadhabame Rakkoo miti.

salaata gabaabsuufii walittiqabuu yeroo karaa deeman.

walittiqabuu jechuun zuhriifii asrii walitti qabdee yeroo tokkoo isaan lameeniitti, magriibaafii ishaaiis yeroo tokkoo isaan lameeniitti salaatuu jechuudha. (duratti tahuu boodatti tahuu)kuni yoo rakkoon walitti nama qabsiiftu argamte.

salaata gabaabsuu jechuun salaata raka'aa afur afurii lama lama salaatuudha. sun zuhrii asriifii ishaaiidha. ammoo salaanni magriibaa fii fajrii hingabaabsamtu.

Rakkoo salaata gabaabsuufii walittiqabuu namaaf laaffisu keessa karaa deemsa. kana jechuun namni ganda isaarraa bahee karaa deemsa waan jedhamu takka deemuudha. gariin ulamaa'ii kiiloo meetira 80tti ibsan. yoo deemsa gabaaba ganduma isatti dhihoo tokko dhaqe hingabaabsu. yoo karaa dheeraa imala jedhamu bahe nigabaabsa, osoo bashannannaafillee tahee.

salaata gabaabsuun musaafiraaf hayyamamaadha. ammoo walittiqabiinsa yoo kararra jiraate durattis tahee boodatti walitti qaba. yoo qubatee boqatee jiraate ammoo yeroma isaatti salaatuutu caala. keessaawuu yoo warra jamaa'aa masjiidaatiin wajji salaatuun mijjaawe.

warri karaa deeme waayee imala isaaniitiin salaatarraa shaagalamuun hintahu. Rabbiin eega lolarraa dubbate booda akki jedhe "yeroo tasgabbooytan salaata gadidhaabaa, salaanni muimintootarratti dirqama yeroon murtaaye taateeti jirtii". nisaai 103

yeroo imalarratti salaata walittiqaban azaana tokkofii iqaamaa salaata lameeniifuu godhan. zikrii salaata boodaammoo tan lammaffaa booda godhan.

imala keessatti rakkoo salataa walittiqabuufii gabaabsuu mijjeesitu keessatti waldhabuun nimala yeroo san gara hogganaa gareetti yookaa abbaa maatiitti murtiin deebiti. yoo beekaa tahe ufii ittiyaadee nama beekkomsa qabu gaafatee. ittiyaadee yoo hinlaaffifamuun isaa mul'atte hingabaabsu walittis hinqabu, gareen isuma jala deemti walmormuun dhoowwaadha. waliigaluun ibaadaadha.

soomanaafii karaa deemsa.

imalaafii soomana walirra hinfidan. namni guyyaa isniinaafii khamiisaa soomanu yoo imalaan walirra dhufe yoo soomanuu fedhe nisoomana

anas akki jedhe "Nabiin wajji imala deemne warri soomane ka fure hinkomanne, kafures warra soomane hinkomanne" bukhaari 1947 muslim 1118

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi