kutaan ammaa model
Barnoota mata duree soomana karaa deemsaa
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
yoo salaanni paarkii ollaa isaa masjiinni hinjirretti sitti geesse. salaata hundaaf sagalee olfuudhanii azaanuu barbaachisa.
kanarraa sadarkaan caalmayina azaanaa beekama. warri karaa deemanis isarraa qanfachuufii isa dhiisuu hinqaban. hadiisa birootti "mu'azzina hanguma sagaleen isaa deemteen isaaf araaramama, wanni jiidhaafii gogaan hundi araara isaaf kadhata".ibnu maajah 724
namni karaa deemaa jiru qiblaa sirri haabarbaaduu, kallattii makkaa jechuudha. yoo isii hinargine tahe kallattitti deebiuun gayaadha. kaibaa qofatti deebiuu miti suni ulfaatuutu mala sahaabarraayis hindhufne. jihama san garagaluutu gaya.
yeroo karaa deeman salaatarratti tiiyfachuu barbaachisa, isiin iimaanni gabrichaa dhugaa tahuu ibsa.
namni yeroo biyya qorraa dhaqe ibidda qabsiisee oowwifata. ibiddi garaqiblaa tahuutu mala. salaanni gara ibiddaatti tahuu dhabuutu caala. keessaawuu imaamni. warra majuusaa ibidda gabbaru fakkaachurraa fagaachuuf jecha. isiin nama salaatu shaagalti waan taheef. yoo qorraaf itti haajaman yookaa bakka jijjiiruun dadhabame Rakkoo miti.
walittiqabuu jechuun zuhriifii asrii walitti qabdee yeroo tokkoo isaan lameeniitti, magriibaafii ishaaiis yeroo tokkoo isaan lameeniitti salaatuu jechuudha. (duratti tahuu boodatti tahuu)kuni yoo rakkoon walitti nama qabsiiftu argamte.
yeroo imalarratti salaata walittiqaban azaana tokkofii iqaamaa salaata lameeniifuu godhan. zikrii salaata boodaammoo tan lammaffaa booda godhan.
imalaafii soomana walirra hinfidan. namni guyyaa isniinaafii khamiisaa soomanu yoo imalaan walirra dhufe yoo soomanuu fedhe nisoomana
anas akki jedhe "Nabiin wajji imala deemne warri soomane ka fure hinkomanne, kafures warra soomane hinkomanne" bukhaari 1947 muslim 1118