kutaan ammaa model
Barnoota mata duree hiikkaa hajjiitiifii sadarkaa isaa.
hiikkaa hajjii
hajjii jechuun beytii Rabbii ibaadaaf jecha yeroo murtooyte ibaadaa murtooyte achitti dalaguudha. isiin hojiifii jechoota nabiyyirraa dhufte, akka ihraamaa, beytitti yoggu 7 xawaafuu, safaafii marwaa jidduu yoggu torba fiiguu.arafaa dhaabbachuu, minatti cirracha darbaachuu, kan kana malee jiranis. isa keessa faayda ilma namaattu jira. tawhiida Rabbii labsuu, araarama guddaa haaji argato, nuslimtoonni walbaruu, seera diin baruufoo kkf.
murtii hajjii
hajjii utubaa shanaffaa utubaa islaamaarraa taheedha. inni muslima dhiiraaf dubartirratti dirqama umritti yeroo takka yoo dandeeytii qabaatan. Rabbiin akkana jedhe "Rabbiif haqa tahee jira ilma namaarratti mana isaatti hajjii godhuun, namni gara isaatti deemsa dandaye. namni kafare Rabbiin uumamtootarraa dureessa." aala imraan 97.
abii hureyrarraa nabiin nugorseeti akkana jedhe "yaa ilmaan namaa Rabbiin hajjii dirqama isinirratti godhee hajjaa". namtichi tokko waggarraayyii yaa ergamaa Rabbii? jedheen. ni callise hanga namtichi yoggu sadi irra deddeebietti. nabiin nijedheen" osoo eyyeen jedhee dirqama taati silaa hindandeessan". muslim 1337.
muslimtichi yeroo dandeetti argatetti gara hajjii jarjaruu qaba.
yeroo hajjii
hajjiin yeroofii bakka irraa hidhatan qabdi.
yeroo hajjii
hajjii ji'oota beekamoo keessa hidhatamti. san keessatti malee hintaatu. isiin shawwaal, zulqi'idaa, zulhijjaa dha. garuu hojiin hajjii guyyaa 8 irraa hanga guyyaa 13ffaa zulhijjaatti raawwatamti. inni ji'a 12ffaa baatiin lakkaawamu akka lakkofsa islaamaa kan hijraatti.
isiin bakka namni hajjii yookaa umraa godhu kan bakka saniin ala jiraatu osoo hin hidhanne gara makkaatti isii bira dabruun dhoowwaati. miqaanni warra madiinaa zulhuleyfaadha. miiqaanni warra shaam juhfaadha. miiqaanni warra najdii qarnal manaazili. miiqaanni warra yaman yalamlami. miiqaanni warra iraaq zaatul irqi. miiqaanni tuni isaaniifii nama karaa san dhufu hundaafi. nama hajjiifii umraa barbaade. bakkeewwan tana nama beekurraa yookaa lookeeshiinarraa beekuun nidandayama.
ulaagaaleen dirqamummaa hajjii
ulaagaan duraa islaamummaa
hajjiin muslimarratti dirqama. kaafirarratti hajjiin dirqamaa miti, yoo godhes irraa hinqeebalamtu. islaamummaan ulaagaa ittiin ibaadaan hundi fayyaa taatuudha.
ulaagaa lameessaa qalbiin fayyaa tahuu.
hajjiin maraatarratti dirqamaa miti irraayis fayyaa hintaatu. qalbiin fayyaa tahuun ulaagaa dirqamummaatiifii fayyaa tahuu hajjiiti. hadiisa aliyyi odeesse keessatti nabiin s.a.w. nijedhe "qalamni namoota sadihirraa olfuudhame nama rafu hanga dammaqutti, daaima hanga dardarutti, maraataa hanga fayyutti". abuu daawuud 4403.
ulaagaa sadeessaa dardaruu.
hajjiin daiimarratti dirqamaa miti hadiisa aliyyi odeesse keessatti nabiin s.a.w. nijedhe "qalamni namoota sadihirraa olfuudhame nama rafu hanga dammaqutti, daaima hanga dardarutti, maraataa hanga fayyutti". abuu daawuud 4403.
daaimni yoo hajje hajjiin isaa fayyaa taati, garuu hajjii islaamummaarraa isaaf hinguuttu. nabiin s.a.w. akki jedhe "daaimni yoo hajjeisiin isaf hajjiidha hanga ballagutti, yeroo ballage hajjii birootti isarra jiraata." mustadrakul haakim 1769.
ulaagaa 4ffaa bilisummaa.
gabricha bilisummaa hinqabne hajjiin isarratti dirqamaa miti, waan gooftaa isaaf ergamuuf shaagalamaadha. gabrichi osoo hayyama gooftaa isaatiin hajje nitaha. garuu hajjii islaamummaarraa isa hinduroomsu. ibnu abbass nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "gabrichuma tahee haa tahuu ka hajje eegasii bilisoomsame hajjiin islaamummaa isarra jirti" sunana kubraa beyhaqii 8613.
ulaagaa shanaffaan dandeeytii.
hajjiin nama dandayurratti dirqama taati. qaamaan fayyaa, karaa deemsa kan dandayu, geejjibaafii sinqii gayaa dhaqee galuuf kan qabu, dandeettiin dubartii nama firaa kan wajji deemtu qabaachuudha. hajjiifii haajaa birootiifis dubartiin kophaa karaa dheeraa deemuun hinhayyamamu.
Rabbiin akkana jedhe "Rabbiif namarratti mana isaatti hajjiigodhuun dirqama nama karaa isaa deemsa dandayeef". aala imraan 97.
namni qabeenyaan dandayee dhukkuba hinfayyineen qabamee, yookaa dullummaaf dadhabe nama isarraa hajju bakka buufatuun dirqama. fadli ibnun abbaasirraa namtichi tokko nabi gaafatee yaa ergamaa Rabbii abbaa kiyya isaa dulloomee yaabbii dadhabe islaamumman isa dhaqqabdee isarraa hajjii godhuu? nabiin mee osoo deyniin namaa irra jirattee irraa nikafaltaa? eeyyeen jedheen "abbaa keetirraa hajji" musnada ahmad 1812
akkaataa dandeeytii hajjii
ulagaa jahaffaa dubartiin fira isiin wajji deemu qabaachuu.
dubartiif firri isiin wajji deemee hajji godhu jiraachuun dirqama. yoo firrii isiin wajji deemu hinjiraatin hajjiin isirratti dirqamaa miti. firra isii kan jennu jaarsa isii yooka nama isii fuudhuun hintaane kan akka abbaa, akaakoo, ilma, ilma ilmaa, obboleeyyaniifii ilmaan isaanii, adeeraafii eessumaati.
dubartiin yoo fira malee karaa rakkoo isirra hingeessineen hajjite hajjiin isii numa taati, garuu dilooyte jedhamtii haatawbattuu.
sadarkaa hajjii
hajjiin sadarkaa caalmaya hedduu qabdi sankeessaa:
1 isiin hojii irra caalaadha.
nabiin yeroo hojii kamtu irra caala? jedhanii gaafatan "Rabbiifii guyyaa boodaatti amanuu" eegasii kamtu itti aana? "karaa Rabbii keessatti duuluu" eegasii kamtu itti aana? "hajjii sirrooytuu" bukharii1519 muslim 83
2 carraa araaramaa guddaadha.
nabiin s.a.w. akki jedhe "namni osoo hin balleessin osoo hinbaalagoomin hajje akka guyyaa haati isaa isa deesseetti deebi'a" bukhaarii 1521 muslim 1350. akka waan yeroo san dhalateetti dilirraa qulqullaawee gala jechuudha.
3- carraa goddoo ibidarraa bilisoomfamuuf
nabiin s.a.w. akki jedhe "guyyarraa kan Rabbiin gabroottan hedduu bilisoomsu hintaane kan akka guyyaa arafaa" muslim 1348
4- hajjii galanni isaa jannata.
nabiin s.a.w. akki jedhan "hajjiin sirrooytuun galanni isii jannata malee wanbiraatii miti".bukhaarii 1773 muslim 1349 sadarkaan tuniifii tan biroollee namni taatuuf nama niyyaan isaa tolte, kan keessi isaa qulqullooyte, kan sirriti nabiin s.a.w. hordofe.