barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota ergisa

barnoota kana keessatti seera ergisaafii hiikkaa isaa baranna.

ergisa jechuun maal akka tahe beekuu.seera ergisa meeshaatiin walqabatu beekuu.garaagarummaa ergisaafii amaanaa kaayattan beekuu.

hiikkaa ergisaa.

meeshaa takka namarraa fuudhanii kafaltii malee ittifayyadamuu jechuudha. maqaan isiillee kanumarraa moggaafame.

murtii ergisaa.

meeshaa ergisuun walgargaasaafi tola oolummaadha. qur'aana, hadiisa, ijmaa'aafii qiyaasaan sabattee jirti. waliigalteen ergisaa dirqamsiiftuu miti, garalameen keessaa kafedhe diiguu dandaya. ergisni waan jaalatamaa kheeyriidha. tola oolinsaa, haajaa namaa baasuu, jaalala fiduutu keessa jira. yoo abbaan isii kan irraa duroomu ergifataan itti haajamu taate akkaan jabeeyfamti. jecha isirratti qajeelchuun hidhamti.

ogummaa ergisni karaa godhameef.

namni meeshaa takkatti haajamuutu mala. bitachuufii kireeyfachuus hindandayu taha. namni isaa kennus jiraachuu dhabuutu mala. garuu yeroo muraasa itti fayyadamee isaa deebisuu nihayyama. ergisa jechuun dhimma kana gara lameeniif mirkaneessuudha.

Rahmata Rabbiirraayyi ergisa hayyamuun.rakkoo ergifataa baasuuf jecha.ergisaan sawaaba argachuun wajji, wanti isaaf hafuun wajji faaydaa obbooleessa isaatiif buusuu kanaaf.

Rabbiin oltahe nijedhe "toltuufii sodaa Rabbiirratti walgargaaraa, diliifii diinummarratti walhingargaarinaa" maa'idaa 2

anas binu maalik irraa odeeffamee nabiin akki jedhe rifannoota tokkootu madiinatti argame. Nabiin farda manduub jedhamu abbaaxalhaarraa ergifate, yaabbatee dhaqee yeroo deebi'u nijedhe "homaa hin argine, fardikuni akkuma bahraati" jedhe. bukhaarii 2627, muslim 2307

ulaagaa ergisni itti fayyaa tahu.

١
wanti tan itti fayyadamanii haftu tahuu.
٢
faaydaan hayyamamaa tahuu, fakkeenyaaf konkolaataa farshoon deddeebisuuf ergisuun hintahu.
٣
namni ergisu abbaa qabeenya sanii yooka kan isaa hayyamame, kan ergisuu dandayu tahuudha,
٤
ergifataan nama hojjachuun hayyamameef tahuu.

roga ergisaa

١
ergisaa abbaa meeshaa.
٢
ergifataa kan meeshatti fayyadamu.
٣
ergifamaa. sun meeshaa ergifamtuudha, akka beelladaa, konkolaataa, yookaa waan kana fakkaatan.
٤
waliigaltee isiin hunda waan waliigatetti akeekaati jecha barruu yookaa akeekkiidhaan.

ergifataan meeshaa ergisaa tiiysuu qaba. seeraan eegee itti fayyadamee isii fayyaa qabdu abbaa deebisuu barbaachisa. meeshaan harka ergifataatti osoo ittiin hinhojjatin badde nikafala. gaagauu gaagauu baatuu, ammoo yoo karaa seeraatiin itti hojjataa osoo jiruu harkatti badde hinkafalu, yoo daangaa dabre yookaa gaagae malee yoggus nikafala.

seera ergisa galchuu.

ergifataan meesha ergisaa yeroo irraa haajaa bahe galchuun dirqama. fayyaaleytii akka yeroo ergifatee haagalchuu. isii tursiisuun waakkachuufii dhoowwachuun dhoowwaadha. yoo akkas dalage gantuu dilaawaadha.

ergisaan yeroo fedhetti meeshaa isaa deefachuu qaba, yoo ergifataa miidhe malee. yoggus akka ergifataan hinmiidhamnetti tursiisaaf. akka nama dachii namaa ergisee yoo abbaan sun midhaan irraa qabaate hanga inni oomishatuu ni tursiisa.

Rabbiin akki jedhe "Rabbiin akka amaanaa warreen isiitiif deebistan isin ajaja, yeroo nama jiddutti murteessitan haqaan akka murteessitan isin ajaja. wanni Rabbiin itti isin ajaju waatolee, Rabbiin dhagayaa argaa tahee jira". nisaai 58

garaagarummaa ergisaafii kaayataa.

١
ergisa namni waakkate akkuma hattuuti harki isaa nimurama, kayyannoon ammoo akkasii miti.
٢
ergisa waan namni faaydaa isaatiif fudhate waan taheef nikafala. ammoo amaanaa Rabbiif jecha waan fuudheef itti amanamaadha, hinkafalu, yoo gaagae yookaa laaffise malee.

ergifni maaliin dhumti?

١
yeroon ergisaa dhumuu.
٢
abbaan ergisaa irraa deebi'uu karaa adda addaatiini.
٣
garee lameenirraa tokko maraatuu.
٤
tokkoo garee lameenirra tokkorratti ugurri kaayamuu deegaafii doofummaan tahus.
٥
garee lameenirraa tokko du'uu.
٦
meeshaan ergisaa baduu.
٧
meeshaa ergisaa san namni biraa haqa godhachuu.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi