kutaan ammaa model
Barnoota mata duree akkaataa hajjii.
Waayee barnootaa
kaayyoo
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
hajjiin gosa sadihi sunis tamatu'a, qiraana, ifraada (hajjii qofa). namni hajjii godhu karaa sadeen kana keessaa kan fedhe filatee godhuu dandaya.
tamattu'a (umraa dursanii hajjii itti aansuu).
qiiraana (walitti qabuu).
hajjii qofa (ifraada).
namni muslimaa tokko hajjii isaa akka nabiin godheefii sahaabaa itti ajajetti godhuuf bololuu qaba. jaabirirraa nabiin guyyaa iidaa kan yaabbii isaarraa darbatun arge, nijedhe "hajjii teessan narraa qabadhaa, ani hajjii tiyya tana booda hajjuu dhabuutu malaa".muslim 1297.
haaji yeroo miiqaata gayee uffata ufirraa baasa, qaama dhiqata, mataafii areeda urgeeffata, uffata ihraamaa uffata, salaata fardii salaata (yoo yeroo isaa tahe) yookaa ra'aa 2 sunnaa wuduu'aa salaata.
yeroo salaatarraa raawwate hajjii hidhatee gosa hidhatu qalbitti yaadee itti seena.
eegasii talbiyaa heddummeessa, akkana jedha "labbeyka allaahumma labbeyka, labbeyka laa shariika laka labbeyka, innal hamda wanni'imata laka walmulka laa shariika laka". dhiirti sagalee isaa olfuudha. dubartiin gadi qabatti. achirraa kaasee waan ihraama keessatti dhoowwame irraa fagaata.
haaji yeroo makka seenu qaama dhiqachuun jaalatamaadha. yeroo seene yoo mutamatti'a tahe umraa godha. mufrideefii qaarin xawaafa dhaqaa xawaafuun jaalatamaadha.
yeroo masjidalharaam dhaqe miila mirga dursee seena. zikrii seensa masgiidaa qara'a. yeroo kaibaa biragaye talbiyaa dhaabee, xawaafatti seena, namni dhiiraa bobaa baafata, bobaa mirgaa jala baafatee ceekuu mirgaa qullaa godha.
gara hajarul aswad (dhagaa gurraachaa) achi hiiqee xawaafa jalqaba. harka mirgaatiin dhagaa tuqatee dhungata, yoo hinmijjaawin harkumaan itti ishaara. beytii bitaa isaatti godha. naannoo torba xawaafa. dhiirti naannoo sadeen duraa nifiiga. fiigicha xiqqaa tarkaanfii walitti dhiheeysanii.
ruknal yamaanii yogguu gaye nituqata, hindhungatu. yoo hinmijjaawin itti hin akeeku. ruknulyamaaniifii hajarul aswad jiddutti "Rabbanaa aatinaa fidduniyaa hasanatan wafil aakhirati hasanatan waqinaa azaabannaar" jedha.
yogguu xawaafa 7n guute afrii isaa qajeelchee uffata, eegasii gara maqaama ibraahiim duubatti achi siiqa yoo isaaf laafe, yooka masjiidarraa bakkuma isaaf laaftetti raka'aa lama salaata. tan dura keessatti faatihaa booda qul yaa ayyuhal kaafiruun, tan lammaffaa keessatti qulhuwallaahu ahad qara'a.
eegasii gara saiyii olbaha. yeroo safatti dhihaate (inna safaa walmarwata min sha'aa'irillaahi) qara'a abdau bimaa bada'allaahu bihii jedha.
haaji yoo mutamatti'a tahe yeroo saiyii fixe mataa isaa nihaada yookaa nigabaabsa. nama dhiiraatiif haaddachuutu irra caala. yoo hajjiif hanbifatee gabaabse gaariidha. dubartiin rifeensa isii walittiqabdee hanga qubaa irra murti, yeroo kana nama mutamatti'aaf umraan isaa guutamte, wanni hidhannaan isarratti dhoowwaa tahe hundi isaaf hayyamamaa tahe. ammoo yoo hajji qofa yooka qaarinee tahe hin haaddatu hingabaabsu ihraamuma isaarra tura.
guyyaan tarwiyaa guyyaa 8ffaa baatii hajjiiti. hajjiin achirraa jalqabamti. namni mutamatti'aa guyyaa kana yeroo orraa hajjii hidhata. makka bakkuma jirurraa. qaama dhiqatee, urgeeffatee, uffata ihraamaa uffatee, salaatee eegasii hajjii hidhachuu niyyata. labeyka jedha. labbeyka allahumma hajjan jedha. Ammoo mufradeefii qaararin. ihraamuma isaanii kan duraa sanirra turan, eegasii haaji zuhrii dura minatti achi baha, achuma tura oolee bula zuhrii, asrii, magriiba, ishaa'ii achumatti salaata. qasrii malee jamii hingodhu. subhii borumtaatis guyyaa sagalii achitti salaata. yeroo kana talbiyaa zikriifii qur'aanatti jabaata.
guyyaa arafaa yookaa saglaffaa yogguu aduun baate haaji minarraa gara arafaa deema, suuta tabiyaa fii zikrii godhaa. hanga aduun dhihatti jallattu masgida namiraa yoo qubate gaariidha yoo isaa laafe. yookaan arafaa seenus rakkoo miti. yeroo zuhriin gayee zuhriifii asrii dursee gabaabsee salaata. eegasii zikrii du'aa'itti cicha. qiblatti deebi'ee harka olfuudhee waan fedhe kadhata.
haaji yeroo muzdalifaa dhaqe magriibaafii ishaaii walitti qabee gabaabsee salaata. azaana tokkoofii iqaamaa lamaan. muzdalifaa bula. yeroo fajare fajrii salaata. eegasii qiblatti deebi'ee harka olkaasee du'aa'ii itti fufa hanga haalaan ifutti.
ganama guyyaa 10ffaa eega haalaan ifee guyyae osoo aduun hinbaane haaji gara minaatii deema. ciracha darbannaa yeroo deemu guurata. ciracha habbaa torba tan firii shumburaarra waaxiqqo guddoo. yeroo mina gaye boolla aqabaa jedhamtu ciracha 7n darbata. isiin tan gara makkaa achi aantu. takka takkaa isii wajji Allaahu akbar jedha. yeroo fixe wareega isaa qorra'a. eegasii rifeensa nigabaabsa yookaa nihaada. ammoo dubartii fiixarraa hanga humna qubaa takka irraa murti. haajiif urgeeffatuun jaalatamaadha. uffata isaa kandur uffatee makkati gadibu'ee xawaafa hiikkannaa xawaafa. inni roga hajjiirraa tokko. itti aansee saiyii hajjii godha.eegasii minatti deebi'ee halkan 11 achi bula.
haajiif guyyaalee tashriiqaa 11fii12 mina buluun barbaachisaadha. yoo turuu fedhe 13 nibula. eega aduun jallatte darbata.
akkataa dhagaa darbannaa.
yeroo makkarraa gara biyya isaa bahuu fedhe xawaafu malee hinbahin. yeroo kara deemuuf ka'e xumura dhaammanaa isaa xawaafa beytitti godha.ibnu abbaas irraa nabiin s.a.w. akki jedhe "tokkoon keessan dhaammanaan booda isaa beeytitti taatu malee akka hindeemne". muslim 1327 xawaafni kuni dubartii yoo heydii qabaatte irraa kufa.