barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata duree akkaataa hajjii.

ibsa nabiin ummata isaa akkamitti akka hajjii godhan barsiise. akka hajjiin tee sirrooytuu taatuuf barnoota kana keessatti akkaataa hojii hajjiiti baratta.

kayyoo   gosa hajjii sadeen barachuu.              akkaataa hajjii barachuu. 

gosa hidhannaa hajjii.

hajjiin gosa sadihi sunis tamatu'a, qiraana, ifraada (hajjii qofa). namni hajjii godhu karaa sadeen kana keessaa kan fedhe filatee godhuu dandaya.

aaisharraa odeeffame nabiin wajji baanee akki jedhe "isinirraa namni hajjiifii umraa hidhachuu fedhe haa hidhatuu, namni hajjii qofa hidhachuu fedhe haa hidhatuu, namni umraa qofa hidhachuu fedhe haa hidhatuu" muslim 1211

tamattu'a (umraa dursanii hajjii itti aansuu).

akkataan tamattu'aa ji'a hajjii keessa umraa hidhata "umraa booda hajjii itti aansu niyyadhe jedha". eegasii umraa hojjatee fixa, eegasii nihiikkata, hanga hajjiin geessutti waan hundaan qanani'a, eegasii zulhijjaa guyyaa 8ffaa makkarraa hajjii hidhata, hanga guyyaa iidaa dhagaa darbatutti ihraamaan tura. inni qaliinsa tamattu'aattu isarra jira. Rabbiin akkana jedha " namni umraan tamattu'a hanga hajjiitti godhe wareegarraa waan isaaf laafe niqala". baqaraa 196.

qiiraana (walitti qabuu).

akkaataan qiiraanaa hajjiifii umraa walitti qabeetuma bakkatti hidhachuudha. yeroo hidhatu "labbeyka umratan wa hajjan" jedha. hiikkaan {hajjiifii umraa walirratti hidhadhe} jechuudha. eegasii yeroo makka gaye xawaafa dhaqiinsaa xawaafa, saiyii tokkotu isarraa barbaachisa. yoofedhe xawaafa kanatti aansee godha. yookaa xawaafa hiikkannaa boodatti achi dabarsa. rifeensa mataa hinhaaddatu, hinhiikkatu, hanga guyyaa iidaa boolla aqabaa darbatee mataa haaddatutti ihraamarra tura. qaarinni kunis qalmaatu irra jira.

hajjii qofa (ifraada).

akkaataan ifraadaa hajjima qofa hidhata, yeroo hidhatu labeyka hajjan jedha, eegasii yeroo makka gaye xawaafa dhaqiinsaa xawaafa. saiyii takkatu isarra jira xawaafa kana booda godhuu dandaya, xawaafa hiikkanaa bodatti achi aansuu dandaya. mataa hinhaaddatu, hinhiikkatusi. hanga guyyaa iidaa boolla aqabaa darbatee mataa haaddatutti ihraama isaarra tura. hajji qofarratti qalmiti hinjirtu.

akkaataa hajjii.

namni muslimaa tokko hajjii isaa akka nabiin godheefii sahaabaa itti ajajetti godhuuf bololuu qaba. jaabirirraa nabiin guyyaa iidaa kan yaabbii isaarraa darbatun arge, nijedhe "hajjii teessan narraa qabadhaa, ani hajjii tiyya tana booda hajjuu dhabuutu malaa".muslim 1297.

1- ihraama (hidhannaa).

haaji yeroo miiqaata gayee uffata ufirraa baasa, qaama dhiqata, mataafii areeda urgeeffata, uffata ihraamaa uffata, salaata fardii salaata (yoo yeroo isaa tahe) yookaa ra'aa 2 sunnaa wuduu'aa salaata.

yeroo salaatarraa raawwate hajjii hidhatee gosa hidhatu qalbitti yaadee itti seena.

١
yoo mutamatti'a tahe "labeyka allaahumma umraa" jedha.
٢
yoo hajjii qofa tahe "labeyka allaahumma hajjan jedha"
٣
yoo qaarina tahe labbeyka allahumma hajjan wa umratan.

eegasii talbiyaa heddummeessa, akkana jedha "labbeyka allaahumma labbeyka, labbeyka laa shariika laka labbeyka, innal hamda wanni'imata laka walmulka laa shariika laka". dhiirti sagalee isaa olfuudha. dubartiin gadi qabatti. achirraa kaasee waan ihraama keessatti dhoowwame irraa fagaata.

2- makka seenuu.

haaji yeroo makka seenu qaama dhiqachuun jaalatamaadha. yeroo seene yoo mutamatti'a tahe umraa godha. mufrideefii qaarin xawaafa dhaqaa xawaafuun jaalatamaadha.

3- xawaafa

yeroo masjidalharaam dhaqe miila mirga dursee seena. zikrii seensa masgiidaa qara'a. yeroo kaibaa biragaye talbiyaa dhaabee, xawaafatti seena, namni dhiiraa bobaa baafata, bobaa mirgaa jala baafatee ceekuu mirgaa qullaa godha.

gara hajarul aswad (dhagaa gurraachaa) achi hiiqee xawaafa jalqaba. harka mirgaatiin dhagaa tuqatee dhungata, yoo hinmijjaawin harkumaan itti ishaara. beytii bitaa isaatti godha. naannoo torba xawaafa. dhiirti naannoo sadeen duraa nifiiga. fiigicha xiqqaa tarkaanfii walitti dhiheeysanii.

ruknal yamaanii yogguu gaye nituqata, hindhungatu. yoo hinmijjaawin itti hin akeeku. ruknulyamaaniifii hajarul aswad jiddutti "Rabbanaa aatinaa fidduniyaa hasanatan wafil aakhirati hasanatan waqinaa azaabannaar" jedha.

yeroo hajarulaswadirra dhufe hundaa allaahu akbar jedha, xawaafa hafe keessatti zikriifii du'aa'ii qaragaraatiifii qur'aanaa qaraatii ittifufa.

yogguu xawaafa 7n guute afrii isaa qajeelchee uffata, eegasii gara maqaama ibraahiim duubatti achi siiqa yoo isaaf laafe, yooka masjiidarraa bakkuma isaaf laaftetti raka'aa lama salaata. tan dura keessatti faatihaa booda qul yaa ayyuhal kaafiruun, tan lammaffaa keessatti qulhuwallaahu ahad qara'a.

4- saiyii.

eegasii gara saiyii olbaha. yeroo safatti dhihaate (inna safaa walmarwata min sha'aa'irillaahi) qara'a abdau bimaa bada'allaahu bihii jedha.

saiyii safarraa eegala safarratti olbahee kaibatti fuula deebi'a. harka isaa olkaasee Rabbiin galatoomfatee kadhata. kadhaa asitti nabiin kadhatu keessaa " laa ilaaha illaallahu wahdahuu laa shariika lahuu, lahulmulku walhul hamdu, wahuwa alaa kulli shay'in qadiir, laa ilaaha illaallahu wahdahuu, anjaza waidahuu, wanasara abdahuu, wa hazamal ahzaaba wahdahu". eegasii waan fedheen kadhata, kana yoggu sadi irra deddeebi'a.

eegasii safarraa gadibu'ee gara marwaa deema, hanga ifaa magarroo bira gayutti nideema. achirra nifiiga hanga dandayu daddafee. ammoo marwaa cinaa fiigichi hinjiru numa deema.

deemeetuma marwaa dhaqa. isii olkora. qiblatti garagalee harka olkaasee du'aa'ii safarratti qara'e san qara'a. aayata hinqara'u. abda'u bimaa bada'aLlaahu bihii hinjedhu.

eegasii marwarraa gadibu'ee gara safaa deema. hanga ifaa magarroo bira gayetti nifiiga. yeroo safaa gaye akkuma marwaarratti dalage dalaga. akkanumatti oofa hanga torbaan gayutti. dhaqiinsi takka deebi'iinsi tokko. saiyii keessatti zikriifii du'aa'ii heddumeessuu qaba. hadasa lameen xiqqaafii guddarraayis qulqullaawu qaba.

namni mutamatti'aa saiyii lamatu isarra jira. saiyii umraatiifii saiyii hajjiiti.namni qaarinaafii hajjii qofaa saiyii takkatu irrajira. yookaa xawaafa dhufaatti dursaa, yookaa xawaafa ifaadaa booda godha.

5 rifeensa mataa haaduu yookaa gabaabsuu.

haaji yoo mutamatti'a tahe yeroo saiyii fixe mataa isaa nihaada yookaa nigabaabsa. nama dhiiraatiif haaddachuutu irra caala. yoo hajjiif hanbifatee gabaabse gaariidha. dubartiin rifeensa isii walittiqabdee hanga qubaa irra murti, yeroo kana nama mutamatti'aaf umraan isaa guutamte, wanni hidhannaan isarratti dhoowwaa tahe hundi isaaf hayyamamaa tahe. ammoo yoo hajji qofa yooka qaarinee tahe hin haaddatu hingabaabsu ihraamuma isaarra tura.

6- guyyaa tarwiyaa.

guyyaan tarwiyaa guyyaa 8ffaa baatii hajjiiti. hajjiin achirraa jalqabamti. namni mutamatti'aa guyyaa kana yeroo orraa hajjii hidhata. makka bakkuma jirurraa. qaama dhiqatee, urgeeffatee, uffata ihraamaa uffatee, salaatee eegasii hajjii hidhachuu niyyata. labeyka jedha. labbeyka allahumma hajjan jedha. Ammoo mufradeefii qaararin. ihraamuma isaanii kan duraa sanirra turan, eegasii haaji zuhrii dura minatti achi baha, achuma tura oolee bula zuhrii, asrii, magriiba, ishaa'ii achumatti salaata. qasrii malee jamii hingodhu. subhii borumtaatis guyyaa sagalii achitti salaata. yeroo kana talbiyaa zikriifii qur'aanatti jabaata.

7- guyyaa arafaa

guyyaa arafaa yookaa saglaffaa yogguu aduun baate haaji minarraa gara arafaa deema, suuta tabiyaa fii zikrii godhaa. hanga aduun dhihatti jallattu masgida namiraa yoo qubate gaariidha yoo isaa laafe. yookaan arafaa seenus rakkoo miti. yeroo zuhriin gayee zuhriifii asrii dursee gabaabsee salaata. eegasii zikrii du'aa'itti cicha. qiblatti deebi'ee harka olfuudhee waan fedhe kadhata.

aaisharraa nabiin s.a.w. akki jedhan "guyyaan akka guyyaa arafaatti Rabbiin gabroottan hedduu ibiddarraa bilisoomsu hinjiru. inni isaanitti dhihaata, eegasii malaaykaa isaatti isaaniin dhaaddata. "jarri kuni maal barbaadan?" jedha. muslim 1348.

yeroon arafaa dhaabbatan zawaalarraa jalqaba, yeroo aduun seente hujjaajni gara muzdalifaa deema. namni sun isa jalaa dabree halkan san keessa osoo hinfajarin yeroo xiqqoo takkallee taatu arafaa dhaabbate hajjii dhaqqabate. ammoo fajrii halkan sanii !0ffaa) osoo hindhaabbatin yoo namatti geesse hajjiin nama jalaa dabarte.

8- muzdalifaatti.

haaji yeroo muzdalifaa dhaqe magriibaafii ishaaii walitti qabee gabaabsee salaata. azaana tokkoofii iqaamaa lamaan. muzdalifaa bula. yeroo fajare fajrii salaata. eegasii qiblatti deebi'ee harka olkaasee du'aa'ii itti fufa hanga haalaan ifutti.

9-guyyaa qalmayaa (10ffaa).

ganama guyyaa 10ffaa eega haalaan ifee guyyae osoo aduun hinbaane haaji gara minaatii deema. ciracha darbannaa yeroo deemu guurata. ciracha habbaa torba tan firii shumburaarra waaxiqqo guddoo. yeroo mina gaye boolla aqabaa jedhamtu ciracha 7n darbata. isiin tan gara makkaa achi aantu. takka takkaa isii wajji Allaahu akbar jedha. yeroo fixe wareega isaa qorra'a. eegasii rifeensa nigabaabsa yookaa nihaada. ammoo dubartii fiixarraa hanga humna qubaa takka irraa murti. haajiif urgeeffatuun jaalatamaadha. uffata isaa kandur uffatee makkati gadibu'ee xawaafa hiikkannaa xawaafa. inni roga hajjiirraa tokko. itti aansee saiyii hajjii godha.eegasii minatti deebi'ee halkan 11 achi bula.

10 guyyaalee tashriiqaa.

haajiif guyyaalee tashriiqaa 11fii12 mina buluun barbaachisaadha. yoo turuu fedhe 13 nibula. eega aduun jallatte darbata.

akkataa dhagaa darbannaa.

boolla duraa tan masgiida khiiftti aantu darbata. cirracha torbaan. takka takkaan. waljala oofa, takka takkaa isii wajji Allaahu akbar jedha. eegasii duratti xiqqo achi deemee dhaabbatee du'aa'ii dheertu waan fedhe kadhata. eegasii boolla jidduu (wusxaa) cirracha torbaan darbata. takka takkaan Allaahu akbar jechaa. eegasii gara biitaa achi maqee qiblatti deebi'ee harka olkaasee du'aa'ii dheertuu kadhata. eegasii boolla aqabaa cirracha torbaan Allaahu akbar jechaa darbata, dhaabbatee du'aa'ii hingodhuu nideema.

guyyaa 12ffaa eega cirracha darbate yoo jarjaruu fedhe minarra bahee deemuu dandaya. yoo fehde booda aanee halkan 13ffaallee bula. borumtaa eega aduun jallatte boolla sadeenuu akkuma tan duraa darbetti darba. booda aananii 3buluutu irra caalaadha.

xawaafa dhaammannaa.

yeroo makkarraa gara biyya isaa bahuu fedhe xawaafu malee hinbahin. yeroo kara deemuuf ka'e xumura dhaammanaa isaa xawaafa beytitti godha.ibnu abbaas irraa nabiin s.a.w. akki jedhe "tokkoon keessan dhaammanaan booda isaa beeytitti taatu malee akka hindeemne". muslim 1327 xawaafni kuni dubartii yoo heydii qabaatte irraa kufa.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi