qur'aanni kandura nabi muhammadirratti buufamuu jalqabeji'a ramadaanaa halkan leylatulqadriiti. Rabbiin akkana jedhe "nuti leylatulqadri (halkan murtii) keessa isa buufne".qadri 1. Rabbiin akkana jedhe "ji'a Ramadaanaa kan qur'aanni isa keessatti buufame qajeelcha ilma namaa,ifa baasaa qajeelloofii haqaa...". baqaraa 185.
kan qur'aana Rabirraa nabi muhammaditti gadi buuse jibriili. inni maleykaalee kabajamoodharraayi. Rabbiin akkana jedha "inni (qur'aanni) buufamaa Rabbii aalamaati. malaykicha amanaatu isaan gadi bu'e. onnee teetirratti akka gorsitootarraa taatuuf. afaan arabaa qulqulluudhaan". shu'araa'i 192-195
jalqaba wanni qur'aanarraa nabi muhammadirratti gadi buufame aayatoota shanan duraa tan suuraa alaq (iqr'aati). isiin kunooti "maqaa Rabbii kee ka uumeetiin qara'i. ilma namaa dhiiga ititarraa uume. qarai Rabbii kee arjaa taheeraa. inni isa qalamaan (barruu) (nama) barsiise. ilma namaa wan inni hinbeeyne barsiise". alaq 1-5