kutaan ammaa model
Barnoota hiikkaa qur'aana kabajama.
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
qur'aana kabajamaa
hiikkaa qur'aana
qur'aanaaf maqaalee kabajaa hedduutu jira. san keessaa:-
buufamiinsa qur'aanaa.
kan qur'aana Rabirraa nabi muhammaditti gadi buuse jibriili. inni maleykaalee kabajamoodharraayi. Rabbiin akkana jedha "inni (qur'aanni) buufamaa Rabbii aalamaati. malaykicha amanaatu isaan gadi bu'e. onnee teetirratti akka gorsitootarraa taatuuf. afaan arabaa qulqulluudhaan". shu'araa'i 192-195
jalqaba wanni qur'aanarraa nabi muhammadirratti gadi buufame aayatoota shanan duraa tan suuraa alaq (iqr'aati). isiin kunooti "maqaa Rabbii kee ka uumeetiin qara'i. ilma namaa dhiiga ititarraa uume. qarai Rabbii kee arjaa taheeraa. inni isa qalamaan (barruu) (nama) barsiise. ilma namaa wan inni hinbeeyne barsiise". alaq 1-5
eegasii taateefii argamtee adda addaa hordofuun buufamiinsi qur'aanaa nabirratti makkaafii madiinatti itti fufee waggaa 23tti xumurame.
ibnu abbas akki jedhe "qur'aanni bakka takkatti walitti qabamee leylatalqadri keessa gara samii gai'aantuutti gadi buufame, eegasii san booda waggaa digdam keessatti gadibuufamee xumurame".beyhaqii 2/415.
.suuraa (boqannaa) qur'aanaa.
.suuraalee makkaatiifii tan madiinaa.
juuzni (kutaan) isaa 30. hizbiin isaa 60.
qur'aana walittiqabuufii barreessuu.
marsaa duraa yeroo nabii s.a.w.
marsaa lammaffaa zamana abiibakrii.
.